1. Waaqayyo si JALATA jireenya keetfifis KAROORA dinqisiisaa siif laateera

JALAALA WAAQAYYO

“Waaqayyo akkasitti tokkicha ilma isaa hanga kennuufitti biyya lafaa jaalate, kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya barabaraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti.” (Yoh. 3:16)

KAROORA WAAQAYYO

[Yesuus jedhe]“Ani… holotin jireenya haqabaataniif, irra hafaas haa qabaataniif dhufeera.” (Yoh. 10:10)

Hat’au malee namootni hundumtuu jireenya gammachu hin jiraatan Sababni isaa…


2. Namni cubbamaadha kanaafu waaqayyo irraas kan adda ba’ee dha, kanaaf jaalala fi karoora waaqayyo beekuu fi shaakalu hin danda’u.

NAMNI CUBBAMAADHAA

“Hundinuu yakkaniiru ulfinni Waaqayyo isaanitti hir’ateera.” (Rom. 3:23)

Namni kan uumame Waaqayyo wajjin dhibantaa akka ta’uuf. Garuu namni karaa ofii isaatii waan filateef dhibantummaan Waaqayyo wajjin qabuu addaan cite. Daandi ofii keenyaa irra yeroo deemnu Waaqayyof kan hinabbomamne fi kan dhima hinqabne taana. Yaada akkanaa macaafni qulquluun cubbuu jedhee waama.

“Nuyi hundumti keenya akka hoolota karaa irraa badnee turre, adduma addanis kara-karaa in gorr.” (Isaa. 53:6)

NAMNI WAAQA IRRAA ADDAAN BA’EERA

“…beenyaan (mindaan) nama cubbu hojjettu du’a,” [Hafuraan Waaqayyo irraa addaan ba’uu]. (Rom 6:23)

Fakkin kun kan agarsisu Waaqayyo qulqulluu namni immoo cubbamaa ta’u saati. Lamaanuu gargar fagoo jiru. Waaqayyo bira ga’uuf humna offii isaatiin jireenya erraa hafaa jiraachuuf yaalii namni godhu agarsiisa kun, nama amantii fakkaachuudhaan, warra kaan gargaaruudhaan, kkf, yaaliin kun hundaa garuu kufaa dha.

Serrii sadaffaan rakko kanaaf furmaata ni kenna …


3. Kaaran inni tokkichi kaan nama gara Waaqayyotti gessu Yesuus Kristoosii dha. Inii qoOda Keenya du’ee. Namni karaa Yasus Waaqayyon beekuu, karoora isaa beekuu fi jaalala isaa mi’eeffachuu danda’a

INNI NUUF JEDHEE DU’E.

“Waaqayyo garuu, utuma nuyi cubbamoota taane jirruu, Kristos nuuf du’uu isaatiin hammam akka nu jaallate ni argisiisa.” (Rom. 5:8)

DU’AA KE’ERA

“…Kristos cubbu keenyaaf du’eera, inni awwaalameera, Caaffanni qulqullaa’oon akka jedhanitti guyyaa sadaffaattis du’aa kaafameera…” (1Qoro. 15:3-5)

INNI KARAA ISA TOKKICHA

Yesuus deebisee, “karichii, dhugaan, jireenyis, ana, anaan yoo ta’e male eenyu iyyuu gara Abbaa hin dhufu.” (Yoh. 14:6)

Fakkin kun kan agarsisuu kan ofii isaa tti nudeebisu danda’u Waaqayyo qofaa ta’u satii. Kaanfu Waaqayyo ilma isaa Yasuusiin erguudhaan gargar fageenyi ofii isaa fi nu gidduu jiru irratti riiqicha godhe. Yasus Krisitoos namaa fi Waaqa gidduu dhaabachuuf du’ee ka’e.

Hata’u malee seerota kana sadan qofa beekuun ga’aa miti…


4. tokkooN tokkoo keenya Yasus Kristoosiin akka fayyisaa keenyaatti fudhachuu malla , yoo kana ta’e jaalala fi karoora inni jireenya keenyaaf qabu beekuu DANDEENYA.

KRISTOOSIIN FUDHACHUU MALLA

“Hamma isa simataniif immoo ijollee Waaqayyo akka ta’aniif haboo isaaniif kenne, isaanis warra maqaa isaatti waamamaniidha.” (Yoh 1:12)

AMANTIIDHAAN KRISTOOSIIN FUDHACHUU MALLA

“Isin ayyaana Waaqayyotin karaa amantii fayyifamtan, inni immoo kennaa Waaqayyoti malee, gocha ofii keessanii miti, hojiidhaanis miti, nammi tokko illee akka ittiin of hin jajnetti.” (Efe. 2:8-9)

JIRREENYA KEENYA KEESSATTI KRISTOOSIIN AFEERUUDHAAN FUDHACHUU DANDEENYA

“Kunoo! Ani balbala dura dhaabadhee balbala nan rukuta, namni sagalee koo dhaga’ee yoo balbala naaf bane, ani ol nan lixa, isaa wajjinis maaddiitti nan dhiyaadha, innis anaa wajjin ni nyaata.” (Mul. 3:20)

KRISTOOSIIN FUDHACHUUN QABXII ARMAAN GADII OF KEESSA QABA

• Cubbamoota ta’u keenya beekne cubbu kennya irra deebiu’udhaan Waaqayyo wajjin wali galu

• Yasus Kristoos cubbuu keenyaaf jedhee akka du’ee amanuu

• Kristos jireenya keenya guyyaa guyyaa keesa akka jiraatu hayyamu fi isa tti amanachuu

FAKKIN ARMAAN GADII JIREENYA NAMA LAMAA BAKKA BU’UU

JIREENYA ANUMMAA JALA JIRU

JIREENYA KRISTOS JALA JIRU

namni kun jireenya isaa offi isaaf to’ata. Kristos jireenya isaa keesa hin jiru. Jireenya isaa ofii isaa gaggeesa. Waaqayyo walininis nagaa hin qabu.

Jireenya nama kanaa Krisitostu to’ata. Kristos jireenya isaa keesa jira. Kristos jireena isaa akka to’atu hayyameera. Waaqayyo walinis nagaa qaba.

Jireenyi kee fakki isaa kam fakkaata?

Jireenyi kee fakki issa kam akka fakaatuu feetaa?


KRISTOOSIN AMMUMA AMMANTIDHAAN GARA JIREENYA KEETTI WAAMMACHUU DANDESA

Gara jireenya kee akka dhufu gaafadhu. Waaqayyo abdii isaa raawwachu akka danada’u amani. Inni jecha afaan kee irra caalaa yaada garaa kee beeka. Kadhachun yoo feedha kee ta’e akkas jette kadhachuu ni dandeessa.

“Yaa Yasus, ani dhunfaakooti sii beekuun fedha. Ati waa’ee cubbuukoof fannorratti du’ukeef singlatefedha. Amma jireenya koo banee akka Waaqaa kiyaa fi goftaa kootiti sinfudhadha. Waan cubbu koof dhifamaa naa goteef jireenya barabara naalaateef singalatefadha. Jireenya koo dhunfadhu. Nama ati fedha kee ittiin raawwattu na godhi. Amen.”

Kadhanaan kun fedha garaa kee nimulisa?

Ni mullisa yoo ta'ee, kadhanna arman gadi amuma kadhadhu. Kirstoos akkuma kakuu isaati gara jireenya keeti ammuma dhufaa.


KIRISTOOS GARA JIREENYA KEE DHUFU ISSA AKKAMIN BEEKU DANDESAA

Jireenya kee keessattii Kristoosiin fudhatteettaa? Amma Kristos jireenya kee keessa jiraa? akka Waaqayyo kadhata kee sii deebisuu maaliin beekta? Akka abdachiisuu isaa isa Mul. 3:20 -tti Kiristos jireenya kee keessa akka jiru beeku dandesa.

KITAABIN QULQULLUUN WARRA KIRISTOOSIIN FUDHATAN HUNDAA JIREENYA BARABARAA ABDACHIISA.

“Waaqayyo jireenya barabaraa nuuf kenne;egaa dhugaan isaa isa kan; jireenyi barabaraa kunis ilma isaa keessatti argama. Namni ilma Waaqayyo hin qabne jireenyicha hin qabu. Isin warri ilma Waaqayyotti amantan, jireenya barabaraa qabaachuu keessan akka beettaniifan kana hundumaa isiniif barreesse.” (1Yoh. 5:11-13)

“Kiristoos yeroo hundaa jireenya kee keessa waan jiraatuuf matumaa waan si hin dhiisneef galateefadhu.” (Ibr. 13:5)

Kana booda woo?


MIIRA KEE IRRATTI HIN IRKATIN

Kitaabni qulqulluun akkuma jedhu, Kristaanni Waaqayyoon amanuudhaan jiraata male, miira isaati hin hirkatu . Fakkiin baaburaa kun, kana mullisa.

• Dhugaa: Waaqayyof sagale isaa agarsisa

• Amantti: hirkata Waaqayyof sagale isaa irrati qabnu agarsisa

• Miira: bu’a amanttiif abbomama ta’u akka mallu agarsisa.

Baaburi kun kan adeemu danda’u motooraan malee harkifamaan miti. Akkasuma kristani tokko Waaqayyof sagalee isaatii male miira irrati hirkachuu hinqabu. Amantiin kee mirra kee irratti akka hin hudoofnee.

“Nuyi amantiidhaan jiraanna malee waan hundummaa ijaan arguudhaan jiraanna mitti.” (2 Qro. 2:7)


Jireenya kee keesatii maaltuu raawwatamee.

Yaroo Kristoosin fudhatee isa wajin walqunamtii jelqabdeeta jechuudha. Battala ati Kristoosiin murtee keetin fudhatte eegalee waan baayyeen jireenya kee keessatti raawwateera:

1. Kristoos jireenya kee keessa seeneera. (Mul. 3:20 fi Qol. 1:27)

2. Cubbuun kee siif dhiifameera. (Qol. 1:14)

3. Ati mucaa Waaqayyo taateetta. (Yoh. 1:12).

4. Jireenya barabaraa argatteeta. (Yoh. 5:24)

5. Karooraa fi akeeka Waaqayyo jireenya keef qabus shaakaluu eegalta. (Yoh. 10:10 fi Qor. 2. 5:17).

Kristoosi wajjin mataa keetiin walqunamuura waanti gaariin namudata jettee ni yaaddaa? waan Waaqayyo siifgodheef amma kadhataan galateeffachuu ni feetaa?


ATTAMITTI JIREENYA HAFUURATTI AKKA GUDDATTU

Guddinni jireenya afuraa kirstoosiin amanachuu dhaan dhufa. “Namni amantii dhaan fuula waaqayyoo duraa tti qajeela ta’ee jireenya dhugaa injiraata” (Gal. 3:11). Jireenyi kee Kristos walin yeroodha gara yarooti akka gudatuf Waaqayyof abbomamu qabda.Yaadi armaan gadii guddinaaf si gargaaru.

¨ Yeroo hundaa Waaqayyo kadhadhu. (Yoh. 15:7)

¨ Guyyuu hundaa sagalee Waaqayyo dubbisi [Wangeela Yohaannisii eegali]. (Hojii Erge. 17:11).

¨ Waaqayyof abbomamu bari. (Yoh. 14:21)

¨ Jireenya kee fi jecha keetiin Kiristoosiin dhugaa ba’i. (Luq. 8:39)

¨ Jireenya kee guyyuuf Waaqayyon amanadhu. (1 Phe. 5:7)

• “Afurrii qulqqulluun yommuu isin irra bu’u human godhatu…andaara lafaatis dhugaa baatuu koo intaatu”. (HoE. 1:8)


FAAYIDAA WALDAA KRISTAANAA

Kristaanota biraa waliin tokkuma ummachun barbachiisaa dha. (Ibr. 10:25, Ho.erg 2:42-47 )

Hanga yoona gara waldaa kristaanaa yoo deemtee hin beektu ta’e, kristosiif sagaleen isaa gara kabajemu deemtee namota kiristosin akka fayyisaaf goftaa isaaniti Waaqeefatani walin tokkumaa uumuu ni danddeessaa.

Mukkti yoo walitti kuufame abbida ho’aa nu keena. Garuu mukka tokko yoo abbida keesaa baafnee qofaa isaa lafa keenye abbidi isaa ni bada. Akkasuma jireenyi kristaanuuma qobaa nama rakkisa.


BARREEFAMNII FI WAANTI GUDDINA KIRSAANAA TIIF GARGAARU NI JIRA.

Barreefama guddina kirstaanaa tiif gargaaru yoo barbeadde teesso keenya armaan gadii nu qunnammi

THE GREAT COMMISSION MINISTRY ETHIOPIA
P.O. Box 41303 ADDIS ABABA
359 AWASSA
1158 BAHIR DAR
1182 JIMMA
808 HARAR


ADDITIONAL ASSISTANCE